Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni qajeeltoo dhimmoota biyyoota biroo keessa galuu dhabuu kabajuu qabu- Dooktar Abiy

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Biyyoonni qajeeltoo dhimmoota biyyoota biroo keessa galuu dhabuu kabajuu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaadachiisan.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaan biyya seenaa mootummaa bara dheeraa qabdu ta’u eeruun, miseensa biyyoota gamtaa mootummooota gamtoomanii hundeessan keessaa ishee tokko ta’uu kaasaniiru.
Dabalataan Ityoophiyaan hundeessituu gamtaa Afrikaa ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaan qajeeltoo seera idila addunyaa kabajuu fi kabachiisuuf ejjennoo hin jijjiirramne qabduu fi biyya seenaa bara dheeraa qabdu ta’uu ishee kaasaniiru.
Akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti nageenya biyyoota garaagaraa kabachiisuu keessatti biyya adda duree ta’uu ishee eeraniiru.
Akka seera qajeeltoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keewwata 2 muraa 7 jalatti tumameetti biyyi kamiiyyuu dhimma biyya biroo birmadummaa qabduu keessa galuu akka hin dandeenye tumamera jedhan Dooktar Abiy.
Hawaasni addunyaa duula mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwataa jiru deeggaruuf fedhiin agarsiisuun kan dinqisiifamuudha kan jedhan Dooktar Abiy, kunis qajeeltoo seera idila addunyaa hordofee ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.