Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarq Zawdee magaalaa Samaraa galan

Finfinnee, Muddee 12, 2012 (FBC) – Preezdaanti Saahilawarq Zawdee har’a ganama magaalaa Samaraa galaniiru.

Preezdaanti Saahilawarq  buufata xiyyaaraa Sulxaan Aliimiiraa Haanfiree si’a ga’an preezdaantiin Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa dabalatee aanga’oota naannichaa akkasumaas jiraattota magaalichaan simatamaniiru.

Magaalaa Samaaraatti guyyaa har’aa sadarkaa biyyaalessaatti kan kabajamu guyyaa HIV/AIDES ilaalchisuun hoggantoota naannichaa, abbootii amantaa, jaarsoolii biyyaa fi qaamolee qooda fudhattoota federaalaa waliin akka mari’atan beekameera.

Preezdaanti Saahilawarq  turtii isaaniin Yunvaarsiitii Samaaraatti barattoota shamarranii fi hoggantoota kan hirmaachise dhimmoota koorniyaa irratti ni mari’atu.

Dabalataanis Yunvaarsiitii Samaraa fi magaalichatti biqiltuu ni dhaabu jedhameeti eegama.

Maddi:TOI

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.