Fana: At a Speed of Life!

Korri Miseensota Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo haala waktawaa biyyarratti mari’ataniiru

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Korri Miseensota Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo haala waktawaa biyyarratti mari’ataniiru.

Kora Miseensota Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo waliin har’a gaggeeffameen dhimmoota murteessoo irratti mar’achuun kallattii gara fuulduraa ka’uusaanii Hogganaan Biiroo aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa ibsan.

Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo duudhaalee Sirna Gadaa dhaloota barsiisuu, tokkummaa Oromoo jabeessuu, nageenya naannoofi biyyoolessaa eeguu, dhimmoota hawaasummaa fi diinagdee Oromoo cimsuu irratti wiirtuulee Gadaa jiran irratti ciminaan akka hojjetan irratti walii galuu obbo Kabbadaan eeraniiru.

Gochoota Sirna Gadaa keessatti aadmalee ta’an irratti qabsaa’aa dhaloota duudhaa dansaa dhaalchisuu cinattii, Gamtaa jabaa Oromoo gitu kan dhalootatti darbu ijaaruu irrattis waliif galameera jedhan.

Gamtaan kun tumaa kana dura turees irra deebi’uun kaleessaa fooyyessee tumuusaas himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.