Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti manneen kumni 79 ol seeraan ala ijaaramu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti manneen kumni 79 ol seeraan ala ijaarramuu fi lafti hektaarri kuma 1 fi 352 seeraan ala qabamu ibsameera.

Qorannoo weerara lafaa fi rakkoowwan ijaarsa adda baasuuf qorannoo taasifameen bakka itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi hoggantoonni hojii olaanoo argamanitti ifoomeera.

Magaalaachatti hojiin alseerruummaa lafarratti taasifamu carraa hojii uumuu fi qoodinsa qabeenyaa haqaa qabeessa akkasumaas guddiina waliigala magaalichaaf gufuu akka ta’u dubbataniiru.

Dhiyeenya magaaloota kurnanii fi aanaaleerratti qorannoo weerara lafaa seeraan alaa fi rakkoowwan ijaarsa adda baasuuf iddoowwan 632tti lafti heektarri kumni 1 fi 352 seeraan ala qabamu ibsameera.

Dabalataanis manneen kumni 79 fi 112 seeraan ala ijaarramu qorannichaan ifoomseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.