Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira dhimma alaa Xaaliyaan Luujii Di Maayoo waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Xaaliyaan Luujii Di Maayoo waliin mari’ataniiru.

Jilli hoggantoota hojii mootummaa olaanoo obbo Dammaqaa Makkoonniin durfamuu  Xaaliyaan magaalaa Roomiitti argama.

Turti isaaniitiin haala waaqtawaa biyyaa fi hariiroo biyyota lamaanii akkasumaas tumsa dippiloomaasii cimsuurratti mari’ataniiru.

Jilli itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin durfamuu Muummee Ministiraa Xaaliyaan Juseppee Kontee waliin mari’achuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.