Fana: At a Speed of Life!

Waldaan daldaltoota horii dhaabbii magaalaa Finfinnee deeggarsa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamu taasisan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Waamicha deeggarsa itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee taasisaniin Waldaan daldaltoota horii dhaabbii magaalaa Finfinnee deeggarsa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamu taasisaniiru.

Waldichi horiiwwan dhaabbii 160 dabalatee zayta leetira kuma 2 ol taasisaniiru.

Kunis gara maallaqaatti wayita jijjiirramu Birrii miiliyoona 4 ol ta’u ibsameera.

Sadarkaa itti aanaa kantibaa fi hojii gaggeessaamagaalichaa kan ta’an obbo Xiraatuu Bayyanaa deeggarsicha fuudhaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.