Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun Andaargaachaw duula naannoo Tigraayitti gaggeeffama jirun preezdaantii Somaaliyaaf ibsa taasisan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Gorsaan nageenya biyyoolessaa muummee ministiraa obbo Gadduu Aandaargaachaw duula olaantummaa seeraa kabachiisu naannoo Tigraayitti gaggeeffama jirun preezdaantii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaayii Faarmaajoof ibsa taasisaniiru.

Obbo Gadduun duulli sirna olaantummaa seeraa kabachiisu  karooraa qabameen haala gaarii raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Gareen juntaa ABUT yeroo dhiyoottis xumuraasa ni argata jedhaniiru.

Preezdaantii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaayii Faarmaajoo gama isaaniitiin, Somaaliyaan mootumma Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbattu mirkaneessuu isaanii raga Ministeera Dhimma Alaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.