Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT itti fayyadama kan ture baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 32 to’atame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Gareen ABUT itti fayyadama kan ture baalli sammuu namaa hadoochu Kanaabiis kuntaalli 32 to’atameera.

Baalli sammuu nama hadoochuun kun konkolaataatti fe’amee  Humaraa irraa gara iddoo garagaaraa seenuuf turee to’atamuu ajajaa olaanaan humna adda naannoo Amaaraa Komaandar Zallaqaa Mitikkuu dubbataniiru.

Sadarkaa idil addunyaatti  itti fayyadamuuf kan dhorkamuu baalli sammuu namaa hadoochuu Kanaabiis jedhamuu kun gareen gantuu ABUT daa’imman umriin isaanii lolaaf hin geenyee akka itti fayyadaman taasisuun garaa lolaatti galchaa jiraachuu ibsameera.

Gareen hattichi daa’imman umriin isaanii lolaaf hin geenye gara lolaatti galchurra darbee yakka hamaa kan ta’ee baala sammuu nama hadoochuuf akka fayyadaman taasisuun isaa hojii qaneessaaf agarsiiftudha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.