Fana: At a Speed of Life!

Waamicha nageenyaa irra deddeebii Dooktar Abiyii fi deebii ABUT

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Mirkaneessaan Odeeffannoo Labsii Yeroo hatattamaa, diddaa Garee TPLF mul’isaa ture hiikuudhaaf carraaqqii mootummaan Fedaraalaa taasisaa ture duraa duuba yeroo fi taatee raawwatamaa tureen akkasitti yaadachiiseera.

Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, Bitootessa 24 bara 2010 gara aangootti erga dhufaniin booda, akkuma naannolee biroo naannoon Tigraayis bu’aa jijjiirama mul’achuu jalqaberraa akka fayyadamuu fi ABUTs akka paartii siyaasaa tokkotti guddina biyyaaf akka hojjetu waamicha irra daddeebii dhiyeessaa turaniru.

Paartii fi ummanni garaagara ta’uun isaa akka hubatamu gorsaa turaniiru.

Eebila 4, 2010 gara Maqalee deemuudhaanis ummata Tigiraay waliin mari’achuun Gaaffilee misoomaa uummata irraa ka’eefis mootummaa naannichaa waliin ta’uun deebisuuf kan yaalan ta’uu dubbatan.

Ummanni naannichaas hariiroon nageenyaa biyyaalee ollaa waliin taasifamuus cimee itti fufuu akka qabu imaanaa jedhee ture.

Waxabajjii 2, 2010, gara Aksuum deemuun jiraattoota Aksuum waliin mari’atan. siidaa Aksuum suphuudhaafis Mootummaa Xaaliyaan waliin  dubbii jalqabuu isaanii himaniit turaan.

Guraandhala 04, 2011tti ammoo, Dooktar Abiy Komishiinii Araara nageenyaa rakkoolee garaagaraa hiikan hundeessuun, naannoo Tigraayii fi naannoo ollaa waliin rakkoolee mul’achaa turan jaarsoliin biyyaa ilaaluun araara akka busan yaada dhiyeessan.

Mootummaan Naannoon Tigraayis yaadaa fi adeemsa kana akka tumsu gaafatame.

Haata’u malee gareen ABUT rakkooleen mariidhaan akka hiikaman hin barbaanne yaada kana moggaatti dhiibuu eegale.

Waxabajjii 9, 2012, Yaa’iin dhaabbilee amantii miseensoota 50 qabu gara Maqaleetti ergame. Kuniis waldhabdeen yaadaa mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduu jiru nagaadhaan akka hiikamu yaadameetu.

Haa ta’u malee Dooktar Dabratsiyoon, “Hanga yoonaa eessa turtanii? amma kan barbaachisu araara mitii” jechuun tattaffii jaarsolii fi abbootii amantaa fudhatama dhabsiisan.

Onkolooleessa 12, 2012 ABUT fi deeggartoonni isaa muraasni, jijjiiramicha akka carraatti fayyadamuudhaan, dhimmoota biyya dhiigan irraa of qusachuun tokkummaa biyyaaf akka hojjetaniif mana maree isaanii keessatti mari’atan.

Onkololeessa 24, 2012 Mootummaan qaamoolee faayidaa itti hafe deeffachuudhaaf nageenya biyyaa fi ummataa irratti balaa aggaaman gocha isaanii kana irraa akka deebi’an hubachise.

Yeroon sun naannoo Oromiyaatti yeroo walitti bu’iinsa namoonni tokko tokkoo paartii keessatti of golguun rakkoo uumaniin namoonni 86 yeroo lubbuu isaanii dhabani ture.  Yeroo kanittis, gara-bal’inaa fi obsa mootummaa akka sodaatti ilaaluudhaan qaamoleen biyya jequuf socha’an gocha isaanii kana irraa akka of qusatan mootummaan ibsee ture.

Eebila 29, 2012, Dooktar Abiy, Mootummaan naannoo Tigiraay Murtoo mana maree federeeshinii kabajuudhaan ummata Tigraay Vaayrasii Koroonaa irraa akka ittisu ergaa dabarsan.

Manneen Maree, Federeeshinii fi Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa filannoo biyyaaleessaa dheerassuu hordofuun, ABUT murtoo manneen maree kana kan hin fudhanne ta’uu ibseera.

Mootummaaniis, dhimma kana ilaalchisuun erga dabarseen, Mootummaan Naannoo Tigraay murtoo manneen maree fudhachuun hojiirra akka oolchu sababa isaa tarreessuun akeekkachiiseniis turan.

Waxabajjii 1, 2012

ABUT paartii tokko malee ummata akka hintaane, uummataan daldaluu akka hinqabne, mootummaan ummata Tigraayiif deeggarsa taasisu akka cimsu beeksise.

Bakka bu’oonni ABUT Miseensonni Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa ta’an mootummaan ummata Tigraayiin addatti foo’e waan geggeessaa jiru fakkeessuun komii wayita dhiyeessanitti, Muummeen Ministiraa yeroo kamiyyuu caalaa deeggarsi baajata naannoo Tigraayiif taasifamu olaanaa akka ta’uufi barootaa dheeraaf harkifataa kan ture proojektii bishaan dhugaatii Maqalee baajata olaanaa ramadee akka xumuru ifoomsan.

Ummanni Tigraay ummata keenyaa, paartiin ABUT paartii tokko malee ummataa Tigraay nagaa jaallaatu bakka hin bu’u jechuun irra deddeebiin miseensota mana maree bakka bu’oota ummataatti dubbatan.

Waxabajjii 4, 2012

Paartileen siyaasaaf haala yeroo ilaalachisuun ergaa dabarsaniin biyyi qabnu tokko qofa ta’uu hubachuun, garaagarummaan jiru mariin akka furamuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Adoolessa 21, 2012

Marii paartilee siyaasaa waliin taasisaniin miila tokkoo qabsoo hidhannoo, miilaa biraan ammo qabsoo siyaasa nagaa  keessa gochuun qaamolee ummata burjaajessan paartileen siyaasaa dhaabbatanii akka itti yaadan hubachiisan.

Jala bultii bara haaraa 2013

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy  EBC waliin turtii taasisaaniin, mootummaan ummanni Tigraay waraanarra misoomaafi badhaadhummaan akka barbaachisuun dubbatan. Mootummaan isaaniis ummata Tigraayin gargaaruurra kan darbe fedhii walitti bu’iinsaa kamiyyuu akka hinqabne ibsan.

Haa ta’u malee, mootummaan filamaata tarkaanfii humnaa akka fudhatuuf ABUT tuqataa akka jiru himan.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy  Afaan Tigriffaan qaamolee maqaa ummata Tigraayiin daldalaa, gara walitti bu’iinsaatti geessuuf hojjetan akka jiraniifi ummanniis kanarratti akka qabsaa’an irra deddeebiin waamicha dhiyeessan.

Ta’uus, Adeemsaalee kanneen hundatti gareen finxaaleyyii ABUT miseensota rayyaa ittisa ajaja kaabaa naannichatti argaman hojiif wayita sosocho’anitti daa’imman daandiirra ciibsuun  rakkoo uumaa turaniiru.

Miseensonni raayyaa sochii isaanii guyyuu wayita taasisanitti sakattaa’a hin barbaachisne taasisun gaaga’ama olaanaa raawwataa turaniiru.  Raayyaan ittisaas kana hundaa obsaan darbaa tureera.

Kun ga’uu didee ajajaa raayyaa kaabaa,  buufataa xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaatti ugguruun gara Finfinneetti akka deebi’uu taasisaniiru.

Onkoloolessa 23, 2013

ABUT haleellaa raawwachuuf guyyaa tokkoon dura, dursaan garechaa Dooktar Dabretsiyoon G/Mikaa’el waraanni Tigraay irratti waan hin oolleef ummanni akka qophaa’u waamicha dhiyeessan.

Onkolooleessa 24, 2013

Gareen finxaaleyyii kun humna addaa gurmeessan haleellaa lammiirraa hin eegamne raayya ittisa biyyarratti  halkaniin raawwan. Dooktar Abiy Ahmadis garechi sarara diimaa hanga darbutti yaadni isaanii  nageenya, jaalala, dhiifama, araaraa fi badhaadhina kan jedhu carraa argataniin calaqqisiisaa turan.

Garichi gocha gara jabinaa ajaja kaabaarratti erga raawwatee booda ergaa Dooktar Abiy dabarsaan, nageenyaaf jecha gara bal’inaan tuttuqqaa hedduu darbuu eeran. Kanas haadholiin Tigraay hanga yoomiitti boo’uu kan jedhuun akka ta’e hubachiisan.

Onkolooleessa 25, 2013

Dooktar Abiy obboroo sa’aatii 11 irratti raayyaa ittisaa irraatti garee Juntaa ABUTiin gochii hin eegamne raawwatamuu ibsan.

Mootummaan garee garaa jabeeyyii irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajaa cimaa dabarsanii, ummataa Tigraay irratti garuu ejjennoo hin jijjiramane kan qabani, ummatiifi gareen Juntaa addaa addatti akka hubataman ummataa hubachiisan.

Sadaasa 4, 2013

Dooktar Abiy ergaa dabarsaniin tarkaanfii seera kabachiisuu hordofee ummanni Tigraay akka hin miidhamne miseensonni raayyaa ittisa biyyaa fi milishaan guyyoota sadii keessatti akka harka kennatan, yeroon kennaameef. Humnoonni nageenyaa nagaa fedhan hedduus carraa kanatti fayyadamaniiru.

Kanneen didan irratti wayita tarkaanfiin seera kabachiisuu fudhatamu, lammiilee nagaan akka hin miidhamne raayyaan ittisa biyyaa ofeeggannoo cimaan oppireeshinii  akka geggeessu ajaajan.

Faallaa kanaan finxaaleyyiin garee ABUT lammiilee nagaarratti kan xiyyeeffate naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daar, akkasumas magaalaa Goondaritti rookeettii dhukaasuun, bu’uuraalee misoomaarrattis miidhaa qaqqabsiisuu  Odeeffannoo Labsii Yeroo Hatattama beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.