Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi proojektii Diimaa- Raad xumuramee

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)-  Ijaarsi proojektii daandii Diimaa-Raad kan Ityoophiyaa  Sudaan Kibbaa waliin wal qunnamsiisu xumuramu Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa beeksisee.

Daandiin kun fageenya kiilo meetira 60.2 kan qabu yoo ta’uu, daldalaaf ga’ee olaanaa qaba jedhameera.

Daandichi walitti dhufeenya hawaasummaa fi diinagdee Ityoophiyaan Sudaan Kibbaa waliin qabdus daraan cimsuuf ga’ee olaanaa akka qabu Abbaan Taayiticha ereera.

Daandiin Diimaa-Raad kun oomiisha biyyatti sharafaa alaa olaanaa argamsisuu buna dabalatee oomishawwan kuduraa fi muduraa kutaa biyyaatti lixaarra gara alaatti eerguf faayidaa olaanaa qaba jedhameera.

Qonnaan bultoota naanniichatti argamanis faayida olaanaa qaba.

Proojaktiicha baajata Mootummaa Ityoophiyaan ramadame baasi Biirri miiliyona dhibba 8 miiliyoona 56 ijaare kan xumure Koorporeeshiinii Hojiiwwan Ijaarsaa Ityoophiyaa ta’uu abbaan taayitichaa ibseera.

Hojii gorsaafi to’annoo kan hojjatee ammoo Koorporeeshiinii hojiiwwan to’annoo dizayiinii Ityoophiyaati jedhameera.

Kanuman wal qabatee qaama daandii kana kan ta’ee daandiin Miizaan Diimaa naannoo kibbaa fi Gambeellaa wal qunnamsisuu xumuramaa kan jiru yoo ta’uu, proojektiin kun dheerina kiilo neetira 91.5 qaba jedhameera.

Ijaarsa proojektiichaaf baajanni Birrii biiliyoona 1.2 kan ramadees mootummaa Ityoophiyaatin jedhameera.

Ijaarsa proojaktiicha raawwachaa kan jiru dhaabbata Chaayinaa MCC17 jedhamuun ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiwwan Ityoophiyaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.