Fana: At a Speed of Life!

Miseensoota ABO shanee 160 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Miseensoota ABO shanee 160 irratti tarkaanfii fudhachuu fi 68 ammoo too’achuu Komishiiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
Humni Waraana ABO Shanee ABUTn deeggarmee naannoo Oromiyaa nageenya dhorkaa ture kana booda Umriin isaa gabaabaa ta’u Komishiiniin Poolisii Oromiyaa himeera.
Miidhaa gareen kun geessisaa ture ittisuu fi naannichatti olaantummaa Seeraa kabachiisuuf hojii hojjatameen hidhattota ABO Shanee 160 irratti tarkaanfiin fudhatamuu fi 68 ammoo too’atamuu ibseera.
Namoonni kumni 1fi 300 ol ta’an kallattii adda addaatiin deeggarsa taasiisaa turanii fi namoonni 104 kallattiin ABUT waliin walitti dhufeenya qabachuun isaanii mirkanaa’e seeraan hordofamaa jiraachuu Komishiinarri Jeneraalaa Komishiinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa himaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.