Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarq Zawdeen tarkaanfii Ityoophiyaan garee Juntaa Naannoo Tigraay irratti fudhataa jirtu hojii olaantummaa seeraa kabachiisu akka ta’e ibsan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) – Preezdaanti Saahilawarq Zawdeen tarkaanfii Ityoophiyaan garee Juntaa Naannoo Tigraay irratti fudhataa jirtu hojii olaantummaa seeraa kabachiisu akka ta’e Preezdaanti Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaaf ibsa kennan.

Preezidaanti Saahilawarqi Ityoophiyaan Gamtaa Afriikaaf bakka guddaa akka qabdu ibsun haala yeroo ammaa kana Mootummaan Ityoophiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuf tarkaanfii fudhataa jiru ilaalchisuun Preezdaantii Afrikaa Kibbaa fi Dura Taa’aa Gamtaa Afriikaa Siiriil Raamaafoosaas ibsaniru.

Preezdaant Siiriil Raamaafoosaan ibsa kenname irratti hundaa’un haala yeroo Itiyoophiyaa keessa jiru akka hordofanis ibsaniiru.

Hogganttoonni lamaan qaaman wal arguun hariiroo biyyoota lamaan karaa cimsuu danda’amuu fi dhugaa jirus hubachiisun danda’ameera.

Gamataan Afrikaan Hidha Haaromsaarratti waliigaltee mijeessun hojii hojjetamaa jiruuf preezdanti Saahilawarqi galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.