Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Raayyaa Ittisa Biyyaaf gargaarsi godhamu Birrii Biiliyoona 1.2 ga’eera

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) – Finfinneetti Raayyaa Ittisa Biyyaaf gargaarsi godhamu Birrii Biiliyoona 1.2 ga’eera.

Finfinneetti Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Biiliyoona 1.2 tilmaamamu maallaqaa fi akaakuun walitti qabamuu Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebeeibsaniiru.

Aadde Adaanach olaantummaa seeraa kabachiisuuf kan kufee ka’aa jiru gootota keenya Raayyaa ittisa biyyaf kabajaa, gargaarsa fi jaalala qabdaniif gochaan itti argisiisuuf gumaacha goochaa jirtaaniif galateffataniiru.

Kutaa bulchiinsa magalaa Nifaas Silkii Laaftootitti Birrii Miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol walitti qabuun gahee hooggansaa kan baahattan hoggaantootni, hojjettotni, qonaan bultootni, abbootiin qabeenyaa, hadhooliin fi jiraattotni hundi, qarshii, nyaataa fi meeshaalee qulqullinaatiin gargaarsa gootaniif dinqisiifataniiru.

Raayyan Ittisa Biyyaa gargaarsa uummataatin yoo hin deeggaramne waan hidhateef qofa jabaa ta’uu hin danda’u. Ilmaan uummataa kana waliin dhabbachuun galaa haamilee kennuu jabeessinee itti fufna jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.