Fana: At a Speed of Life!

Duulli Kaaba Ityoophiyaa dirqamnee itti galle galma olaantummaa seeraa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu milkeessuufiidha

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) – Duulli Kaaba Ityoophiyaa dirqamnee itti galle galma olaantummaa seeraa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu milkeessuufiidha.

Ummanni Oromoo ijaarsa federeeshinii Ityoophiyaa duraa fi booda dantaa ijaarsaa fi birmadummaa biyyattii murteessuu keessatti gahee seenaa qabeessa bahachaa tureera; Ammas sadarkaa olaanaadhaan bahachaa jira.

Aggaammii Shira siyaasaa keessoo fi alarraa taasifamu hunda qolachuun biyya tiksuu keessatti wareegama kaffalamaa ture hunda qooddachuurraa of hin qusanne.

Ummattoota biyyattii hunda waliin ta’uun dhiigaa fi lafee isaa gabbaree Ityoophiyaa waliin ijaareera.

Ummattoonni Ityoophiyaa heera tumatanii sirna federaalizimii erga ijaarratanii boodas, qabsoo federaalizimii dhugaa lafa qabsiisuuf taasifamaa jiru keessatti ijoolleen Oromoo kitimaa barbaachisu hunda kaffalaa jiru.

Kitimaan qabsoo waliin jireenya ummattootaafi ijaarsa biyyaatiif kaffalames firii gaarii argamsiiseera.

Biyya diigumsaa fi walitti buhiinsa addaan hin cinnerraa baraareera. Aggaammii humnoota keessaafi alaatiif osoo hin jilbeenfatin akka biyyaatti itti fufuuf carraa arganneerra.

Sirnootaa fi dhaabbilee egeree miidhagaa uumuufis ta’e badhaadhina waaraa milkeessuuf tumsan ijaaruuf hojjetamaa jira.

Hojiiwwan ijaarsa sirnaafi demokraasii calqabaman abdii guddaa uumaa kan jiran ta’us, qornaatonni hin darbaminis ni jiru. Qormaatota jiran keessaa finxaalessummaan adda durummaan kan eeramuu dha.

Aggaammiin finxaaleyyii tokkummaa sab-daneessummaafi federaalizimii dhugaa Itoophiyaa cimtuu ijaaruuf meeshaa murteessaa ta’eerratti fuulleffata.

Amma yeroo humna Juntaa faallaa heera mootummaa deemeefi diigumsa biyyaarratti aggaame dhabamsiisuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjechaa jirru kanattis finxaaleyyiin keessaafi alaa wixxifachaa jiru.

Kaayyoofi galmi isaanii ammoo duula ol’aantummaa Seeraafi Birmadummaa Biyyaa kabachiisuuf eegalle akka carraatti fayyadamuun fedhii dhokataa ittiin machaa’an milkeeffachuu dha.

Ta’us kallattii hundaanuu hin milkaa’an. Itoophiyaa humni finxaaleyyii bixxilaniifi tolchan waan hin jirreef akka salphaatti diiguu hin danda’an.

Dirree waliigaltee fi waldanda’uu ummattootaatiin ijaaramte waan ta’eef fedhii sakaallaafi guluffii daangaa hin qabne irratti gochuuf gonkumaa hin carrooman.

Duula eegalle kana keessa dhokachuun fakkeessuufi akkeessuun fedhii waliin jireenyaafi waldanda’uu ummattootaarratti shirri hojjetamu kamuu ni saaxilama.

Hammata heeraafi seeraatiin Birmadummaa Biyyaa eeguun cimee itti fufa. Shirri finxaaleyyii kamuu qabsoo ummattootaatiin ni kufa.

Kun ammoo hawwiin osoo hin taane, hojii qabatamaan agarsiisaa kan jirru ta’uu dirmannaa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaafi balaaleffannaa Juntaa TPLF Ummanni kallattii hundaan tibbana agarsiisetu ragaa qabatamaa dha.

Biroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa arganne

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.