Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan federaalaa garee ABUT waliin waliigaluuf jechuun oduun tattamsa’e soba ta’uun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Mootummaan federaalaa garee ABUT waliin waliigaluuf jechuun oduun tattamsa’e soba ta’uu Qulqulleessitu Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa ibseera.

Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa wayita ammaa fi Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa jila Mootummaa federaalaa fi garee ABUT waliin waliigalchisiisuu erguuf jechuun oduun tattamsa’e dhugaarra kan fagaate ta’uu Qulqulleessitu Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa beeksiseera.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa wayita ammaa fi Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa dhuunfaan simachuun ni mari’atu jedhameera.

Haata’uuti, Mootummaa federaalaa fi garee ABUT waliin waliigalchisiisuu erguuf jechuun oduun tattamsa’e dhugaarra kan fagaate ta’uu ni mirkaneessina jedheera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.