Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimmi Alaa fi imbaasoonni Ityoophiyaa biyyoota garagaarratti argamaan Hidha Haaromsaarratti maari gaggeessan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa fi Imbaasiiwwan Ityoophiyaa biyyoota garagaarratti argaman hidha haaromsaa irratti marii gaggeessaniiru.

Maricha Imbaasiiwwan Ityoophiyaa Aljeeriyaa, Beeljiiyeem, Faransaay, Xaaliyaanii fi Neezarlaandii ministeericha waliin ta’uun qopheessaniiru.

Maricharratti dippiloomaattoonni olaanoon,gareewwan ogeeyyii, dhaabbileen miidiyaa fi miseensoonni paarlaamaa biyyoota garagaraa hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Miseensoonni marii garee Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Gabra Tsaadiqii fi Ambaasaaddar Rattaa Alamuu Hidha Haaromsaa Guddichaarratti ibsa kan laatan yoo ta’u, Beeljiyeemitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ruut Zammaan maricha dursaniiru.

Marii sadee Hidha Haaroomsaa qindeessummaa gamtaa Afrikaan Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduuttii gaggeeffaama jiruuf ibsi laatameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.