Fana: At a Speed of Life!

Gaarmantiin Shaangiteeksi baasii Doolaara miiliyoona 50n ijaarsa Paarkii Indaastirii Boolee Lammii eegale

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Gaarmantiin Shaangiteeksi baasii Doolaara miiliyoona 50n ijaarsa Paarkii Indaastirii Boolee Lammii eegale.

Ijaarsichi marsaan jalqabaa dhaabbatichaan kan ijaaramu sheedota 3 tokkoon tokkoo isaa ballina meetri iskuweerii kuma 10 yoo qabataan, ijaarsi isaanii waggaa 1 keessatti kan xumuramu ta’a.

Marsaan 2ffaa sheedoota 2 akka ijaaraan ragaan koorporeeshinii Misooma Paarkoota Indaastirii irraa arganne ni mul’isa.

Gaarmantiin Shaangiteeksi Chaayinaatti dhaabbilee damee huuccuurratti bobba’an keessaa dhaabbata 2ffaa ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.