Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Tigraay garbummaa keessa jirurraa ni bilisooma –Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Ummanni Tigraay garbummaa keessa jirurraa kan bilisoomu ta’uu Paartiin Badhaadhinaa beeksise.
Gareen finxaaleeyyii fi saamtootaa ABUT da’annoo keessa ta’ee harka hin laadhu jechaa jiraachuu paartichi eereera.
Jaalatus jibbus gareen kun dirqamaan seerratt dhiyaachuun isaa kan hin oolle ta’uu ibseera.
Gareen abbaa irree kun har’as akkuma kaleessaa faayidaa dhuunfaa isaa dursuun daa’immaan umriin isaanii hin geenye gara dirree waraanaatti geessuun yakka raawwataa jiraachuu Paartiin Badhaadhinaa ibsa laateen eereera.
Gareen gantuu kun biyya diiguuf kaayyeeffachuun isaa dhokataa miti jedhame.
Fedhii fi ergama dhaabbileen ala dhaabbilee amantaa Maqaleetti argaman akka da’annootti itti fayyadamaa jiraachuu kan ibsame yoo ta’u, manneen amantaa kanneen giddugala siyaasaa fi kuusaa meeshaalee waraanaa taasiifachaa jira jedhame.
Gochaan kun akka addunyaatti wanta ta’ee fi dhaga’amee hin beekne ta’uu paartichi ibseera.
Raayyaan ittisa biyyaa wareegama kamiiyyuu kanfaluun ummata Tigraay garee garbooffataa fi abbaa irree kanarra bilisoomsuun kan hin oolle ta’uu eerrameera.
Ummata Tigraay qofa osoo hin taane ummanni Ityoophiyaa marti nageenya dheebateera, olaantummaan seeraa akka mirkanaa’u ni barbaada jedha ibsi paartichaa.
Gareen kun karaa nagaan akka harka laatu waamicha taasiifameef kan hin fudhanne fakkata kan jedhe ibsichi, bilchaachuun isaa kan hin oolle qoraan fixa jechuun eereera.
Haalli kun akkanaan itti fufnaan raayyaan ittisaa duula hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwatu keessatti dhaabbileen tajaajila ummataa fi dhaabbileen amantaa miidhamuu danda’u, sababni isaa lolatu gaggeeffama waan ta’eef jechuun eereera.
Gareen kun kallattii kamiiniyyuu seera jala ba’uuf carraan qabu cufaa ta’uu fi iddoo jirutti raayyaa ittisaan marfamee jiraachuu himameera.
Ummanni Tigraay olaantummaan seeraa akka kabajamu fedhii qabaachuu jiraattoonni magaalota to’annoo raayyaa ittisaa harka galan keessa jiraataan deeggarsi taasiisaa jiran agarsiiftuu ta’uu Paartiin Badhaadhinaa ibsa isaan himeera.
Meeshaalee waraanaa gareen kun hidhachiise nuti diina hin qabnu jechuun raayyaa ittisa biyyaaf dabarsanii laachuun deeggarsa isaanii agarsiisaniiru jedhame.
Garee iddoolee garagaraa daheeffatee bu’uuraaleen misoomaa osoo hin hafin barbadeessaa jiru kanneen seeraatti dhiyeessuuf deeggarsa barbaaddamu akkaa taasiisan paartichi waamicha dhiyeesseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.