Tarkaanfii olaantumaa seeraa garee ABUT irratti gaggeeffama jiru ilaalchisee hojiin dippilomaasii gaariin hojjetameera – Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Tarkaanfii olaantumaa seeraa garee ABUT irratti gaggeeffama jiru ilaalchisee biyyoota Afrikaa olla hubbachiisuuf hojii gaariin hojjetamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa laataniin, Itti Anaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa mokonnin daawwannaa Yuugaandaa, Ruuwaandaa, Riippabliika Demookraatawaa Koongootti taasisaniin tarkaanfii mootummaan garee ABUT irratti fudhacha jiru ilaalchisuun biyyoota hubachiisuu ibsaniiru.
Kanaanis, ilaalchisee hojiin dippilomaasii gaariin hojjetamuu himaniiru.
Gorsaan muummee ministiraa fi nageenyaa obbo Gadduu Andaargaachaw tarkaanfii mootummaan garicharratti fudhachaa jiru ilaalchisuun Sudaanii fi Jibuutii hubachiisuu ibsaniiru.
Hojii dippilomaasii cinaatti dhaabbilee teessoo isaanii piriitooriyaa, Kamberaa fi Dubaay taasifatan Ityoophiyaatti invastimantii irratti bobba’uuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa