Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila kaargoo tiraakiingi teeknooloojiin deeggaruuf Dhaabbata Tireed Maark Isti waliin waliigaltee mallaattaa’e

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Komishiniin Gumuruukaa tajaajila kaargoo tiraakiingi teeknooloojiin deeggaruuf Dhaabbata Tireed Maark Isti waliin waliigaltee mallaatteesse.

Waliigalticha komishinara Gumuruukaa obbo Dabalee Qaabataa fi bakka bu’aa Dhaabbata Tireed Maark Isti obbo Taaddasaa yimaamuu mallateessaniiru.

komishinarri Gumuruukaa obbo Dabalee Qaabataa akka ibsanitti, komishinichi bifa haaraan erga dhaabbatee eegalee, tajaajila gumuruukaa mijataa, ammayaa’aa fi si’ataa taasisuuf carraaqaa tureera.

Dandeetti ofii isaa guddisuu cinaatti dhaabbilee idil addunyaa gara garaa waliin dhiyeenyatti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakka bu’aan Dhaabbata Tireed Maark Isti obbo Taaddasaa yimaamuu gama isaaniin, dhabbanni isaanii gaanfa Afrikaatti tajaajila gumuruukaa si’eessuf hojiiwwan hojjetaman hirmaachuun muuxannoo olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Projaktichi baatii 18 keessaatti akka xumuramu eeruun, hojjettootaaf leenjii gara garaa akka laatan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.