Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni naannoo Oromiyaa magaalaa Hoolotaa, Sabbataa, Adaamaa fi iddoolee kaanii raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Jiraattonni naannoo Oromiyaa magaalaa Hoolotaa, Sabbataa, Adaamaa fi iddoolee kaanii raayyaa ittisa biyyaa ergama seera kabachiisuurratti argamuuf deeggarsa sangoota 196 fi hoolotaa fi re’oota 230 laatan.

 

Deeggarsicha bakka buutonni jiraattotaa, Walloo Kaabaa magaalaa Qobbootti argamuun qindeessaa raayyaa ittisa biyyaa toora Raayyaa; Leetanaal Janaraal Yimar Makoonnin biraan ga’aniiru.

 

Leetanaal Janaraal Yimar gumaachii fi jaalalli ummataa seera kabachiisuuf jajjabeessaa ta ‘uu ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.