Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti imbaasiin Ityoophiyaa qaamolee garaagaraaf haala waqtaawaa biyyarratti ibsa laate

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC)- Keeniyaatti imbaasiin FDRI ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa fi dhaabbilee miti mootummaa teessoo isaanii Naayroobii taasisaniif haala waqtaawaa biyyarratti ibsa laateera.
Keeniyaatti Ambaasaaddarri FDRI Mallas Alem ambaasaaddaroota Kuweet, Naayijeeriyaa, Kolombiyaa fi dhaabbilee miti mootummaa bakka bu’aniif haala waqtaawaa biyyarratti ibsa laataniiru.
Ambaasaaddarichi waggaa lamaa fi walakkaa darbanitti mootummaan Ityoophiyaa jijjiirrama hunda galeessaa fiduuf hojiwwan hojjetaa turee fi gareen ABUT jijjiirrama kan fashaleessuuf gochaa badiii raawwata ture ilaalchisee ibsicha kan laatan.
Dabalatanis mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachisuu eegalee yeroo muraasa keessatti xumuruun fuula isaa gara misoomaatti akka deebisu eeraniiru.
Ambasaaddaroonni fi bakka buutoonni gama isaaniitin, olaantuummaan seeraa akka mirkanaa’uf tattaaffii mootummaa Ityoophiyaa taasisaa jiru akka deeggaran ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.