Fana: At a Speed of Life!

IGAD gahee walitti hidhaminsa naannawaa fidurratti xiyyeeffachun marii taasise

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC)- Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaaf (IGAD) gahee walitti hidhaminsa naannawaa fidurratti xiyyeeffachuun marii taasiseera.

Maricha Jibuutiitti Imbaasii Ityoophiyaa fi seekreetariyaatn IGAD waliin ta’uun kan qopheessanidha.

Jibuutiittii Itti Aanaan Misiyoonii Imbaasii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammad Hasan waltajjichi IGAD naannichaatti fudhachaa kan jiru sochiiwwan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa diippilomaatoonni hubannoo akka qabataaniif ni gargaara jedhaniiru.

Daayrekatarri Tumsa Diinagdee fi Walitti Hidhaminsaa Naannoo IGAD Elsaadiig Abdallaa gama isaaniin hojiin duraa IGAD naannichatti nageenyaa fi misooma mirkaneessudha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.