Fana: At a Speed of Life!

Teessoowwan Boordii Sakattoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa naannoo Tigraayiif odeeffannoowwan laachuuf dandeessisan ifooman

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Teessoowwan Boordii Sakattoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa naannoo Tigraayiif odeeffannoowwanii fi eeruu laachuuf dandeessisan ifoomuu ibsame.
Heera Mootummaa balaaraa baraaruuf jecha akkaataa heera mootummaa FDRI keewwata 93 jalatti tumameen labsiin yeroo ariifachiisaa naannoo Tigraayitti labsamuun isaa kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan Boordii Sakattoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa kanaaf teessoowwan eeruu fi odeeffannoowwan laachuuf gargaaraan ifoomaniiru.
Teessoowwan Boordii Sakattoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa kunneenis :-
Teessoon E-mail :-Stateofemergency2013@gmail.com
Lakkoofsi Bilbilaa :-0111544181/0111239980
Lakkoofsi Saanduqa Poostaa :- 80001
Faakksiin ፡- 0111544641
Bilbilli Bilisaa:- 8557
Teessoon Teeleegraamii :-State of emergency enquiry board FDRE
Akkasumsa Biiroo Boordii Sakattoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa Kiiloo 4 FDRI qaamaan argamuun eeruu fi odeeffannoo laachuun kan danda’amu ta’uu ragaan Mana marichaarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.