Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp hoogganaa filannoo isaan morman aangoorraa ari’an

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC)- Doonaald Tiraamp nama filannoo Yuunaaytid Isteet sadarkaa olaanaatti hoogganaa turan sababa komii saanii mormaniif aangoorraa ari’an.

Preezdaanti Tiraamp hoogganaa Ejansii Nageenya Saayibarii( Cybersecurity and Infrastructure Security Agency) Kiriis Kireebs haqummaa sagaleee kennameerratti yaadota baayyee mirkana hin taane kennan jechuun ari’atan.

Tiraamp filannoo preezdantummaa morkataan isaanii sagalee caalmaa injifataa isaan taasisu argataniis, hanna sagaleetu jira jechuu bu’aa filannoo kana fudhachuu didaniiru.

Hooggantootni filannoo ammoo filannoon kun seenaa Ameerikaa keessatti ”isa burjaajiirraa bilisa ta’eedha” jedhu.

Torbee darbe Tiraamp Hogganaa Muummee Ittisa Biyyaa Maark Ispeer amanamummaa isaanii shakkuun aangoorraa buusaniiru.

Tiraamp Amajjii dhufu Waayit Haawus gadhiisuu isaaniin dura Daayreektara Tika Biyyaalessaa, CIA, Giin Haspeel fi Biiroo Qorannoo Federaalaa(FBI) Kirsitoofar Raay aangoorraa ari’uu malu shakkiin jedhu gara Waashiingitan DC’tii dhagaahamaa jira.

Akkuma aanga’oota Tiraampiin ari’aman biroo Kiriis Kireebs aangoorraa kaafamuu kan baran ergaa twuutara gubbaatti Tiraamp Kibxata maxxansan wayita arganiidha jechuun namani aanga’aa kanatti dhiyeenya qabu tokko Rooyitarsitti himeera.

Hooggansi duraanii Maayikiroosooft kun ari’amuu isaaniitti gaabbii hin qaban jedhameera.

Aanga’aan kun filannoo bara Faranjoota 2016 keessa Raashiyaa harka galfatteetti jedhamee waggaa lama booda ture aangoo kana kan qabatan.

Dhaabbatni isaan hoogganan kun gaheen isaa adda durummaan yaaddoowwan haleellaa Saayibarii maqsuudha.

Filannoo keessatti ammoo isteetotaafi hoogganoota filannoo sadarkaa gadiirra jiran waliin hojjeta.

Dhaabbilee dhuunfaa sirna filannoo dhiyeessan waliinis hojjeta. Itti dabaluunis adeemsa sagalee kenname sirna gabatee keessa galchuus hordofa.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.