Fana: At a Speed of Life!

Abbootii  qabeenyaa proojaktii qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaaf deeggarsa taasisaniif beekamtiin laatame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfineetti abbootii qabeenyaa hojii misooma albuudaarratti bobbaa’anii fi proojaktii qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaaf deeggarsa taasisaniif beekamtiin laatameera.

Bulchaa godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Girmaa Haayiluu, sirna beekamtichaarrati argamaniiru.

Proojaktii qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaaf rakkoo hawaasummaa fi diinagdee godinicha furuuf kan kalaqame ta’u ibsaniiru.

Milkaa’ina proojaktichafis abbootii qabeenyaa, qaamoleen hawaasaa fi hojjetoonni mootummaa tumsa taasisaa jiraachuu obbo Girmaan himaniiru.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa abbootiin qabeenyaa hojii misooma albuudaa irratti bobba’anii hojjechaa jiranis milkaa’ina proojaktii kanaaf adda durummaan hirmaachuun ga’ee isaanii ba’aniif beekamtiin laatameera.

Abbootiin qabeenya har’a beekamtiin kennameef kunis adda durummaan hojii proojaktii qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 3.1  ol taasisaniif beekamtiin laatamu ragaan waajjira kominikeeshinii godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfineerraa arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.