Fana: At a Speed of Life!

Mariin paartilee siyaasaa Afrikaa fi Chaayinaa hoggansarra jiraanii Paartii Badhaadhinaa hirmaachise gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Mariin paartilee siyaasaa Afrikaa fi Chaayinaa hoggansarra jiraanii Paartii Badhaadhinaa hirmaachise gaggeeffame.
Qopheessummaa paartii komistii Chaayinaan kan gaggeeffame Marii paartilee siyaasaa Afrikaa fi Chaayinaa hoggansarra jiraanii paartii Badhaadhinaa dabalatee paartileen siyaasaa biyyoota Afrikaa 25 maricharratti hirmaataniiru.
 
Marichaan hariiroon biyyoota Afrikaa fi Chaayinaa haala cimee itti fufu danda’urratti mari’atameera.
 
Paartileen siyaasaa biyyoota Afrikaa haariiroo Chaayinaa waliin qaban cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.
 
Paartiin komistii Chaayinaa hariiroo paartii Badhaadhinaa waliin qabu cimse akka itti fufu beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.