Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti sagantaan “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa” gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Naannoo Harariitti sagantaan “kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa” sirnoota garagaraa gaggeeffameera.

Sagantaacharratti preezdaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii,itti aantuu preezdaantii naannichaa aadde Misiraa Abdallaa, Af yaa’ii mana mare naannicha Addisaalem Bazaabbah, dabalatee   miseensonni kaabinee fi hojeettoonni mootummaa jaarsooliin biyyaa fi  kutaan hawaasa garagaraa hirmaataniiru.

Hirmaattoonni daqiiqaa tokkoof harka isaanii mirgaa lapheesaanii bitaarra ka’un kabaja raayyaa ittisa biyyaaf qaban ibsaniiru.

Akkasumaas daqiiqaa tokkoof osoo walirraa hin kutiin harkasaanii waliitti rukutaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.