Fana: At a Speed of Life!

Barattoota kuma 1 fi 760 deeggarsi meeshaalee barnootaa taasiifame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Biiroon Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa magaalaa Bishaan Gurraachaatti barattoota kuma 1 di 760f deeggarsa meeshaalee barnootaa guutuu taasiise.
Biirichi barattoota naannoo Soomaalee irraa buqqa’anii mana barumsa Bishaan Gurraachaa fi mana barumsa Tokkummaaf meeshaalee barnootaa guutuu fi nyaata baatii 1 taasiisuu ibsameera.
Biirichi bara barnootaa kana barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 1.8 ta’aniif deeggarsa taasiisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu hoggantuun Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa aadde Sa’aadaa Usmaan ibsaniiru.
Hanga ammaattiis barattoota miiliyoona 2.1f deeggarsi taasiifamuu aadde Sa’aadaan himaniiru.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.