Fana: At a Speed of Life!

Xomborri tokkummaa Sabdaneessaa Dirree Dawaa gale

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC0- Xomborri tokkummaa Sabdaneessaa ayyaana sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa magaalaa Dirree Dawaa galeera.

Naannoo Hararii kan ture xomborri kun har’a Dirree Dawaa galeera.

Af Yaa’iin Mana Maree naannoo Hararii aadde Addisalaam  Bazaabbah, xomboricha Af Yaa’iin Mana Maree bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa aadde Faaxumaa Musxafaaf laataniiru.

Sirna wal harka fudhiinsicharratti itti aanaa kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa, miseensoonni kaabinee, hooggantoonni olaanoo waajjira Paartii Badhaadhinaa, abbootii amantaa fi jaarsoliin biyyaa hirmaataniiru.

Xomborichi guyyoota lamaaf Dirree Dawaa erga turee booda gara naannoo Affaaritti gaggeessaan ni taasifamaf.

Ayyaanni sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa mata duree “ tokkumaa sabdaneessaa badhaadhina waliinii” jedhuun ni kabajama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.