Fana: At a Speed of Life!

Torbeen Indastiraylaayzeeshinii Afrikaa kabajamaa jira

Finfinnee Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Torbeen Indastiraylaayzeeshinii Afrikaa kabajamaa jira.

Torbeen Indastiraylaayzeeshinii Afrikaa mata duree “Indastiraylaayzeeshinii hunda galeessaa fi Ardii bilisaa daldala naannichaa” jedhuun kabajamaa jira.

Damee indaastirii Afrikaa ilaalchisuun waggaan kan kabajamu Torbeen Indastiraylaayzeeshinii bara kana sababa weerara covid-19n waltajjii onlaayinii qophaa’ee kabajamaa jira.

Waltajjichi Komishinii Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Misooma Indaastirii, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinii Diinagdee Afrikaa fi Ejansii Misoomaa Gamtaa Afrikaan kan qophaa’edha.

Waltajjicharratti hoggantoonni tumsitootaa fi ministiroonni Daldalaa fi Indaastirii kan hirmaatan yoo ta’u, damicha ilaalchisuun ajandaawwan hedduurratti ni mari’atu jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.