Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti lammilee kuma 6 ol daandiirra jiraatan deebisaanii dhaabuuf hojjatamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC)- Biiroon Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee lammiilee daandiirra jiraatan kuma 6 ol deebisanii dhaabuuf hojjachaa jiraachuu ibse.

Itti gaafatamaan biricha obbo Tafarraa Mollaa, lammiilee sababoota garaagaraan jireenya isaanii daandiirra taasisan kaasuun eegalameera jedhan.

Hanga ammattis kuma 2 kan ta’an buufata tursa kutaa magaalota garaagaraatti qopha’eetti galuusaanii ibsaniiru.

Qamoolee dhimmi ilaallatu waliin koree dhaabbate hojiitti galu eeraniiru.

Giddugaloota kanneenitti  weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ogeeyyiin fayyaa kan ramadaman yoo ta’u, meeshaaleen nyaataa fi uffataa guutamuufi ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.