Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalaa Dirree Dawaa Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama seera kabachiisuu cimsee akka itti fufu gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Dirree Dawaa Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama seera kabachiisuu cimsee akka itti fufu gaafatan.
 
Jiraattonni magaalichaa har’a hiriira balaaleffannaa murna badii ABUT fi deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa bahaniiru.
 
Hiriirichaan raayyaan ittisaa ergama seera kabachiisuu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
 
Murni ABUT miidhaa raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaarratti qaqqabsiise balaaleffataniiru.
 
Hiriiricharratti kantiibaa magaalichaa obbo Ahimad Muhaammad Buuh dabalatee hoggansi magaalichaa bakka argamanitti Istaadiyamii Dirree Dawaatti gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.