Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Finfinneetti kan argaman abbootii qabeenyaa naannoo Tigraay waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa aadde Adaanach Abeebee Finfinneetti kan argaman abbootii qabeenyaa naannoo Tigraay waliin mari’ataniiru.
Mariichis haala waqtaawaa biyyaatti irratti kan xiyyeeffateedha.
Mariichanis mootummaan federaalaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachisuuf naannoo Tigraayirratti fudhataa jiru kaasaniiru.
Rakkichi sadarkaa kanarra osoo hin ga’iin mootumman jalqabaarra eegalee yaali taasisuu eeraniiru.
Gareen gantuu ABUT ummataa da’aachuun faayidaa mataa isaafi rakkoo uumuuf hojjata turuusaa ibsaniiru.
Gochaasa kanas mootummaan obsaan bira darbaa turuufi rakkoo hamaa akka hin qaqqabneef tattaaffi taasisaa turu himaniiru.
Aadde Adaanach abbootiin qabeenyaa naannoo Tigraay magaalichatti argamanii fi dhalattoonni naannichaa nageenyaa fi tokkummaaf haala waliin hojjachuu danda’aan irratti mari’ataniiru.
Maricharratti itti gaafatama waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu argamaniiru.
Leeyikuun Alaamtu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.