Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Laga Xaafoo laga Daadhiitti hiriirri balaaleffannaa gocha badii ABUT bahame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Magaalaa Laga Xaafoo laga Daadhiitti hiriirri balaaleffannaa gocha badii ABUT bahame.

Jiraattonni magaalaa Laga Xaafoo laga Daadhii gochaa gara jabina Murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatan balaaleffachaa jiru.

Haaluma walfakkaatuun, Jiraattoonni Magaalaa Sabbataa gocha murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate hiriira nagayaa bahuun balaaleeffataniiru.

“Murni ABUT biyya bulchina jettee nu saamaa turte , akka nutti hin deebineefis balaaleffanna” jedhaniiru.

“Raayyaa ittisa biyyyaa cinaa keessaan jirra,Tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru ni deeggarsa, Tokkummaa keenya cimsinee eegganna” dhaadannoo jedhu dhageessisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.