Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni Naannoo Oromiyaa iddoowwan gara garaatti gocha murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate hiriira nagayaa bahuun balaaleeffataa jiru

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) –Jiraattonni Naannoo Oromiyaa iddoowwan gara garaatti gocha murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate hiriira nagayaa bahuun balaaleeffataa jiru.

Magaalaa Adaamaatti hiriirri balaaleffannaa gocha badii ABUT bahame.

Jiraattonni magaalaa Adaamaa kutaa bulchiinsa gara garaa irraa walitti bahan gochaa gara jabina Murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatan Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti walitti qabamuun sagalee balaaleffannaa dhageessisaa jiru.

Haaluma walfakkaatuun, Jiraattoonni Magaalaa Sulultaa gocha murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate hiriira nagayaa bahuun balaaleeffataniiru.

Jiraattonni Godina Booranaa Aanalee gara garaa gochaa humni badii ABUT Raayyaa Ittisa Biyyarraatti raawwatan hiriira bahuun balaaleffatan.

“Murni ABUT biyya bulchina jettee nu saamaa turte , akka nutti hin deebineefis balaaleffanna” jedhaniiru.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo Magaalaa Hirnaatti gocha gareen finxaalessaa ABUT balaaleefachuun jiraatoonni hiriira nagayaa gaggeessaaniiru.

“Raayyaa ittisa biyyyaa cinaa keessaan jirra,Tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru ni deeggarsa, Tokkummaa keenya cimsinee eegganna” dhaadannoo jedhu dhageessisaniiru.

Jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Mojoo gochi suukkanneessaa murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate balaaleffataniiru.

Akkasumaas, Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti Hiriira Balaaleffannaa Humna Juuntaa Wayyaanee ABUT irratti gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.