Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa meeshaalee talaallii vaayrasii koroonaa raabsuuf xiyyaarota qopheesse

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa meeshaalee talaalli vaayrasii koroonaa imalchisuu fi raabsuuf xiyyaarota 21 qopheessuu beeksise.
Daandii Qilleensa Ityoophiyaatti Daayreektarri damee Tajaajila Loojestiksii fi Fe’umsaa obbo Fitsum Abbaadii talaalicha kuusuu kan dandeessisu bu’urri misoomaa guuttamuu himaniiru.
Talaallii kanneen imalchiisuu fi raabsuuf hojmaanni barbaachisu qophaa’uu himaniiru.
Qorichoonni fi meeshaaleen talaallii kunneen of eegannoo fi kunuunsaa waan barbaadaniif xiyyaarota bu’uraalee barbaachisan guuttatan 21 qophaa’uu isaanii eeraniiru.
Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa kanan dura meeshaalee ittisaa weerara vaayrasii koroonaa raabsuu ga’umsa olaanaan xumuruun isaa ni yaatama.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.