Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Jimmaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasise

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Yuunivarsiitiin Jimmaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasisuu beeksise.

Hojjettoonni Yuunivarsiitichaa guyyaa har’aa haala waqtawaa irratti marii’taniiru.

Maricharratti Preezdaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa akka ibsanitti hoggantoonni olaanoo fi hojjetoonni dhaabbatichaa Birrii miiliyoona deeggarsa taasisaan tumsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban kan mul’isadha.

Itti aanaa Preezdaantii Bulchiinaa fi Tajaajila Barattootaa Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Qananiisaa Lammii hojjettoonni miindaa ji’aa isaniirra hir’isuun kennuu murteessuu hubachiisaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa garee finxaalessaa ABUT waliin wayita wal waraanu lammiileen Tigiraay akka hin miidhamneef ofeeggannoo taasisuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.