Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaa Uumaa xiyyeeffannoon guddaan mana yaalaa fi dhaabbata qorannoo cimaa ijaaruu ta’uu ibsan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) -Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa xiyyeeffannoon guddaan mana yaalaa fi dhaabbata qorannoo cimaa ijaaruu ta’uu ibsan.

Injiinar Taakkalaan guddina biyyaa takkaa duuba manni yaalaa fi dhabbanni qorannoo cimaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyya keenyaafis mana yaalaa fi dhaabbata qorannoo cimaa ijaaruun akka barbaachisu himaniiru.

Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa laaboraatoorii Ji’ooloojikaal Sarveey Ityoophiyaa daawwataniiru.

Dhaabbatichi umrii dheeraa kan lakoofise ta’ullee muuxannoo fi umriin isaa kan isa madaalu miti jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.