Fana: At a Speed of Life!

Sirni qoodiinsa baajataa haaraan qophaa’e haqa qabeessummaa qoodinsa qabeenyaaf shoora olaanaa qaba -MMF

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Guddina diinagdee fi fedhii misoomaa biyyattii yeroo ammaa bu’ura godhachuun sirni qoodiinsa baajataa haaraan qophaa’e haqa qabeessummaa qoodinsa qabeenyaaf shoora olaanaa qabaachuu ibsameera.
 
Manni Maree Federeeshinii sirna qoodinsa baajataa haaraa qophaa’e ilaalchisee hojiirra oolmaa, bulchiinsaa,qabiinsa ragaa qoodiinsa baajataa fi itti fayyadama isaarratti magaalaa Adaamaatti marii gaggeessaa jira.
 
Haala fedhii galii fi baasii mootummoota naannooleen kan wal simatu sirni qoodiinsa baajaata haaraan hojiirra ooluu Af yaa’iin Mana Maree Federeedhiinii Adam Faaraahin ibsaniiru.
 
Sirni qoodiinsaa kun haala qoodiinsa baajataa bu’aa qabeessa taasisuurra darbee baraa baratti ce’aa akka ta’utti kan qophaa’eedha jedhan.
 
Naannoolee gidduutti qoodiinsi galii haqa qabeessa ta’e akka jiraatu taasiisuuf bara 2012 hojiirra kan oole ta’uu himaniiru.
 
Mootummaan Federaalaa baajata deeggarsaa mootummoota naannooleef taasiisu mirkaneessuuf qabiinsi ragaa fi itti fayyadamni murteessaa ta’uu Af yaa’ichi himaniiru.
 
Kanaaf ammoo sirna qabsiinsa ragaa waaqtaawaa, sirrii fi qulqullina qabu diriirsuun barbaachisaa ta’uu Af yaa’iin Mana marichaa Adam Faaraahin ibsaniiru.
 
Hanqinaalee qabiinsa ragaa, dhiyeessii fi itti fayyadamaa jiru furuuf Yuunvarsiitiin Finfinnee qorannoo gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.
 
Sirna qoodiinsa baajataa bara 1989 qophaa’een baajata waliigalaa keessaa % 70 federaalaaf, %30 deeggarsa naannooleef kan oolu yoo ta’u, isaa haaraan ammoo %50 federaalaaf %50 ammoo deeggarsa mootummoota naannooleef akka qoodamu ajaja jedhan.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.