Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Umar Huseeniin durfamu godina Arsii aanaa Jajjuutti qophii misooma qamadii jallisii bonee daawwate

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Jilli obbo Umar Huseenii fi obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu godina Arsii aanaa Jajuu misooma qamadii jallisii hektaara kuma 2 fi 409 irratti misoomuuf qophii jiru daawwate.
 
Akka Godina Arsiitti lafa hektaara kuma 20 irratti jallisiin qamadii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen mootummaan qophii lafaarra eegalee hanga gurgurtaatti deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu qonnaan bultootaaf himaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uumamaaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalees bara kana gama hundaan rakkoo jiru furuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Kaayyoon daawwannaa kanaas hanqina jiru hubachuun deeggarsa barbaachisu taasisuuf ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.