Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri balaaleffannaa murna ABUT fi deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf guyyaa har’aa bakkee gara garaatti gaggeeffame nagaan xumurame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Hiriirri balaaleffannaa murna ABUT fi deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf guyyaa har’aa bakkee gara garaatti gaggeeffame nagaan xumurameera.

Hiriirri balaaleffannaa murna ABUT fi deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf guyyaa har’aa magaalota Jimmaa, Aggaaroo, Bedellee, akkasumas aanaalee godina Harargee Bahaa fi godina Arsiitti geggeeffamaa ture nagaadhaan xumuramee jira.

Xumura hiriiraa boodas qaamotni hawaasa gara garaa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deggersa maallaqaa fi akaakuudhaan taasisaa jiru.

Baankiiwwan dhiigaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman 10 keessatti mata duree “Dhiiga keenya Raayyaa Ittisaa Biyyaaf!” jedhuun arjoomni dhiigaa taasifamaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.