Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen idil addunyaa odeeffannoo qabatamaa hin taane tamsaasurraa of qusachuu qabu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Dhaabbileen idil addunyaa fi qaamooleen dhuunfaa odeeffannoo qabatamaa hin taane tamsaasurra akka of qusatan Waajjirri Muummee Ministiraa hubachiise.

Waajjirri Muummee Ministiraa Fuula Feesbuukii isaan akka beeksiseetti, Dhaabbileen idil addunyaa beekkamtii qaban dabalatee qaamooleen dhuunfaa odeeffannoo hin qulqulloofne tamsaasurra akka of qusatan yaadachiiseera.

Odeeffannoo haala qabamataa yeroo fi dhugaa lafarra jiru hin ibsinee fi qabatamaa hin taanee tamsaasurratti of qusachuu akka qaban waajjirichi hubachiiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.