Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Waldiyaatti namoonni ABUT irraa ergama fudhachuun socho’aa turan 25 too’ataman

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Godina Walloo Kaabaa magaalaa Waldiyaatti namoonni ABUT irraa ergama badii fudhachuun socho’aa turan too’atamuu ibsameera.

Gareen badii ummata nagaarratti miidhaa qaqqabsiisuuf socho’aa turan eeruu hawaasaa fi qaamoolee nageenyaan to’annoo jala ooluu itti gaafatamaan dhimmoota nageenya uummataa magaalaa Waldiyaa Inispeektara Ti’izaazuu Caannee himaniiru.

Qaamooleen dhuunfaan kunneen waraqaa eenyummaa garaagaraa waliin too’annoo jala ooluu isaanii ibsaniiru.

Nama tokko harkatti dabtarri herreega baankii 9 birrii kuma dhibba 4 ga’u waliin too’atamaniiru jedhan Inispeektara Ti’izaazuun.

Shakkamtoota kanneenirratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii naannoo Amaaraa irraa argamen ni agarsiisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.