Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti itti aanaa dhimmota Afrikaa Tiiboor Naazhii waliin haala waqtaawaarratti mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)- Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti itti aanaa dhimmota Afrikaa Tiiboor Naazhii waliin haala waqtaawaa Ityoophiyarratti bilbilaan mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan duula naannoo Tigraayitti gaggeefaama jiruurrratti Tiiboor Naazhiif ibsa laataniiru.
Dandeettiin humna waraanaa ABUT yoo baduu, miseensi raayyaa ittisaa biyyaa haleelaman yoo bilisa ba’aanii fi naannichatti olaantuummaan seeraa yoo kabajamu duulichi akka dhaabbatus ibsaniiru.
Akkasumas labsii yeroo aarifaachiisaa naannoo Tigraayirratti labsamee fi labsichaan wal qabsisee hojiiwwan hojjatamaa jiran irrattis ibsa laataniiruf.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti itti aanaa dhimmota Afrikaa Tiiboor Naazhii, gama isaaniitiin naagenyii Ityoophiyaa naageenya naannoo mirkaneessuuf murteessaadha jedhaniiru.
Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, filannoon preezdaantumma Ameerikaa nagaan xumuramuusaaf gammaduu Tiiboor Naazhif ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.