Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan hojiisanii eegalan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Dhimma Alaa haaraan obbo Dammaqaa Mokonnin har’a ifatti hojiisanii eegalaniiru.

Obbo Dammaqaan har’a Ministeera Dhimma Alaatti hoggantoota hojii olaanoo waliin waajjirichatti argamuun wal baraniiru.

Wayita kanas hoggantoonni hojii kunneen waliigala adeemsaa hojiichaarrati ibsa lataniiruf.

Ministirri dhimma alaa duraanii obbo Gadduu Andargaachaaw obbo Dammaqaaf bara hojii garii a akka ta’uuf hawwaniiru.

Obbo Gadduun Andargaachaaw gorsaa nageenyaa biyyooleessaa muummee ministiraa ta’uun muudamuun isaanii ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.