Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Annaa Sorraatti balaa konkolaataatin lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)-Godina Gujii aanaa Annaa Sorraatti balaa konkolaataatiin lubbuun namoota 4 darbeera.
Balichi konkolaataa uummata Minibaasii jedhamuu magaalaa Adoolaa Waayyuurraa gara magaalaa Booree imalaa turee konkolaataa fe’umsaa aanaa Annaa Sorraarraa garaa Adoolaa waayyuu imaalaa tureen walitti bu’uun qaqqabeera.
Balaa qaqqabeen lubbuu namoota 4 yoo darbu, namoota 3 irra balaa cimaa,  7 irra ammoo balaa salphaan qaqqabeera.
Namoonni miidhaan cimaan irra ga’e Buufata Fayyaa aanichaatti yaalamaa jiraachuun ragaan Waajjira kominikeeshinii mootummaa aanaa Sorraarra arganne ni muulidhisa.
ka’umsi baliichaas aaritiin konkolaachisuuni jedhameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.