Fana: At a Speed of Life!

Koollejjiin Yuunvarsiitii Odeeffannoo Biyyaalessaa ogeeyyii ogummaa odeeffannoon leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa jalatti kan argamu Koolleejjiin Yuunvarsiitii Odeeffannoo Biyyaalessaa ogeeyyii ogummaa odeeffannoon leenjisaa ture eebbisiise.

Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaatti itti aanaa itti gaafatamaan daayreektera jeneraalaa damee bulchiinsaa fi ijaarsa dandeettii obbo Nabiyyuu Daanyee eebbifamtoonni kunneen ogummaa barataniin biyyaa fi ummataaf dursa laachuun namuusa gaariin hojjechuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.

Dhaabbatichi karoora imaammata waggaa 10niin  lakkoofsa ogeeyyii  odeeffannoo guddisuu, hirmaannaa ummattootaa fi dhaabbata biyyattii fakkaatu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Nabiyyuun,eebbifamtoonni kunneen adeemsa ijaarsa dandeettii dhaabbatichaaf shoora isaanii akka ba’an gaafachuu isaanii  ibsi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Faanaa Broodkastiing Koorporetiif erge ni agrsiisa.

Eebbifamtoonni haala qabatamaa biyyattiin keessatti argamtu tilmaama keessa galchuun bobbii itti aanu keessatti ogummaa barataniin bifa tasgabbii qabuun akka hojjetaniif leenjii fudhachuu isaanii daayreektarri Yuunvarsiitii Koollejjii Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Wandawasan Kaasaa ibsaniiru.

Ogummaa bifa qindoomina qabuun yakkaa fi shororkeessummaa ittisuun nageenyaa fi tasgabbii akkasumas faayidaa biyyaaleessa kabajachiisuuf isaan dandeessisu fudhachuu fi shakkala qabatamaa taasiisuu  isaanii ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.