Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa xumuruuf mootummaa cina akka dhaabbatan qaamoleen siyaasaa ibsan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)- Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa xumuruuf mootummaa cina akka dhaabbatan qaamoleen siyaasaa garaagaraa ibsaniru.
Faanaa Broodkaasting Koorporeet waliin turti kan taasisan obbo Leencoo laataa, itti gaafataman qunnamtii uummata sochii biyyooleessa Amaaraa obbo Xaayiir Mahammaad fi hogganaan damee paartilee siyaasaafi waldaalee hawaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simee gareen juntaa ABUT raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa raawwate balaleffataniiru.
Qaamoleen siyaasa kunneen yaadarra eegalee deeggarsa Hidha Haaromsaa Guddichaaf taasifamu hundaan mootummaa cina dhaabbachuun birmadumma biyyaatti eeguuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Shira gantoota biyyaa diigaan fashaleessuuf mootummaa cina akka dhaabbatanis ibsaniiru.
Hidha haaromsaas ta’ee faayidaa biyya eeguuf hojii eegalameerratti hanqinni uumamu akka hin qabnes yaadachisaniiru.
Kanarra darbees hojii mootumman olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjata jiruuf lammilee deeggarsa akka taasisaniif waamicha dhiyeesaniiru.
Taariik Addunyaatu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.