Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Isiraa’eel Diroonoota weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuuf oolan Ityoophiyaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Mootummaan Isiraa’eel Diroonoota weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuuf oolan 17 Ityoophiyaaf deeggarsa taasiise.

Weerara hoomaa Awwaannisaa Ityoophiyaatti muudate ittisuuf mootummaan Isiraa’eel diroonoota nama maleessaa 17 fi jenereetaroota 2 deeggarsa taasiiseera.

Meeshaaleen deeggarsaan mootummaa Isiraa’eerra argaman kunneen weerara kana ittisuuf shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen ibsaniiru.

Diroonoonni kunneen halkan keemikaala biifuuf kan gargaaraan ta’uu ibsaniiru.

Weerara hoomaa Awwaannisaa Ityoophiyaa muudate ittisuuf mootummaan Isiraa’eel deeggarsa meeshaalee fi ogeeyyii taasiisaa jiraachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Isiraa’eel Raafaa’eel Mooraaf himaniiru.

Jilli garee ogeeyii Isiraa’eel kunneen naannoo Soomaaleetti argamuun leenjii gochaa irratti xiyyeeffate kan laatan ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.